Gooftaan Iyyasuus du'a Moo'e
Aangoof humnaa isaan du'a ka'ee
Awwala keessa hin jiruu duwwadha
Ka'eera innoo kiristoos mootidha

Yooseefi Niqoodemoos isa kafananii
Golgootatii isaa awwaalanii
Guyyaa sadii booda gaafa dilbataa
Du'a mo'ee ka'eeraa waaqni waaqotaa

Maariyaam magdalaawifi dubartonni kaanis
Na'anii rifataan argaan boolla duwwaas
Ka'eera asi hin jiruu angafa ta'era
Jedhanii dubbataan ergamoonni Gooftaa

Yommuu rafaamanii Bartoonnii Gooftaa
Baay'ee sodaatanii warreen yihudotaa
Iyyasuus ol seenee mana cufaamattii
Nagaa lallabee duuka bu'ootaattii

Toomas maaf shakkitaa amaniikaa
Innoo Barsiisa kee Raabbuunidhaa
Akkam xuqu yaadde foon waaqumma qabuu
Du'a ka'uu Iyyasuus hunduu haa dhaga'uu


Play on Telegram