Fannoorratti
Yoseph Tena
May 8, 2025
F/taa D/n Darajjee Tasamaa
2114 Views
"
Jaalalakoof jedhee salphate Abbaankoo
Jaalala koof jedhee salphate uumaan koo
Waan addunyaa kanaa kiralayson uggum ajaa'ibaa
Uumamni uumaasaa akkamiin adabaa?
Miidhagaa simboosaa anaaf dhangalaasee
Ofii qullaa ta'ee fooyee natti uffisee
Gaarri qaraaniyoo kirlyson deemsi gologootaa
Oolmaa oolmaan olii kan guyyaa jimaataa
Saadoor Alaadoori Adeeraa Roodaasi
Chinkaarrisaa shanan ragaa dhaamu har'asi
Ilmaan Addaam argee kirylson abidda keessatti
Yoom callisee laalee akka godaanetti
Teessoorraa bu'ee xoofookoo unatee
Du'as Du'aan mooyee Addaamiin deebifatee