Mi'eeffadhee argeera jaalala kee
Nan galateeffadha Waaqakoo maqaa kee
Afaankoo galataaf naaf saaqame
Faaruuf ililleedhaan qoraasamee

Ulfina keef dhaapheen ulfina argadheera
Kabaja keef dhaapheen kabaja argadheera
Maqaa maqaa caalu Gooftaakoo maqaan kee
Maqaakeef faarfadheen maqaan koo miidhage

Yeroon sirraa adeemu ati natti adeemte
Jaalala waan taateef jaalalaan na waamte
Ati jibba hin beektu jaalala maleesaa
Jaalala waan taateef jaalalakeen faarsa

Qulqulluun dhiiga kee na qulqulleesseera
Cubbuutti hin deebi'u na eegi cubbuu irraa
Jireenya waan taateef jiraachuun barbaada
Sirraa adda hin bahuu kun anaaf Waadaa dha

Play On Telegram