At naaf Qaqqabi bakka dhibeekoo
Web Master
May 4, 2026
F/taa Tafarraa Baqqalaa
270 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
At naaf Qaqqabi bakka dhibeekoo
Harka araara kee anaaf Diriirsi
Qalbiikoo Bade bakkatti deebisi
Gadadoon Sakaalameen Yaadakoon butuntura
Of biraa nama hin qabu kan na gargaaru fira
Oolmaakoo Dagadheera Bultiikoos irraanfadhe
Seenaakoo naaf jijjiiri ani sittan baqadhe
Humnikoo na dhumeera kan naaf dhimmu hin argine
Gammachuu tokko hin qabu argee hin qabbaneeffanne
Fayyisuu kee Eeggatti si dheebotti lubbuun koo
Kufaatiirraa na kaasi baadheen gala sireekoo
Firaaf Aanteerraa hin qabu kan na'ee naaf birmatu
Gaddakoos Gammachuukoos kan na waliin qooddatu
Otuman Gadadamuu baroonnikoo dhumeeraa
Teessookeerraa na laali Libsuu ijakee Hawweera
Nagaaf Tasgabbii hin qabu jireenyikoo jeeqame
Guutummaan baroota koo yaadaaf yaaddoon xaxame
Lafti naaf hin bari'u aduu dhiitun yaadda'a
Qalbiikoo naaf deebisi tarree hiriyyaa koon ta'a