Amma reefan ba'e dukkanaa 
Mana kee ergan jiraadhee
Si waliin tola hundumtuu
Kanaafan sittti baqadhe

Guyyaan fayyina har'a yeroon gooftaa barbaaduu
Abdii lubbuu koo dhiisee jireenya darbuun yaaduu
Fannnoorratti kan dhiige aarsaan guyyaa jimaataa
Iddoon kufee na waamee  isatu jireenya laataa

Cubbuun ija koo jaamsee miilla bowwaarra jooruu
Abbummaa keetu na waame sitti galeera kooluu
Burqaan bishaan jireenyaa dilbiin nyaatameen dhumne
Mana kee jalaa madda na eegeera akkan kufne

Na faana baatu malee qofaa koo humna hin qabu
Iji gara kee ilaalu gaafatee deebii hin dhabu
Lafti gaarii fakkaatu sanyiin irraa hin nyaatamne
Si amanee nan nyaatu hidda badurraa hin dhufne/giti siif hin argamne

Ergan mana kee dhufee harka koo sitti kennee
Jireenya koo guutuusaa haadhaa fi abbaa koo hin jenne
Hunduu si wajjin tola si wajjiniin miidhagaa
Waaqummaa kee amaneera Iyyesuus Mootii nagaa