Oolmaan kee anaaf baay'eedha
Jaalalli kee goofta ajaa'ibadha
Kanaaf siinan dhaadadha kan akka kee hin argamu

Dhukkubsattee kan naaf madoo ture
Dhiiga keetu goofta situ lubbuu koo fure
Sit lubbuu koo fure

Akeekni kee naan jiraachisuudha
Beenyaa taate abbaa koo ati lubbuu koodha
Ati lubbuu koodha

Jaalalli kee naafidha daangaa hin qabu
Kan naaf taate martuu dubbatame hin dhumu
Dubbatame hin dhumu

Kan akka kee na jaallatu hin jiru
Na argatte uumaa koo bakkan kufee jiru
Bakkan kufee jiru

🚀 Play Now on Telegram! 🎮