Haqa haqni isaa haqame
Web Master
Mar 15, 2025
F/taa Damee Kabbadaa
1499 Views
"
Dhugaa dhugaansaa sarbame
Ol iyyannoo hin qabu lafarraa dhageettii
Sitti iyyannaa yaa gooftaa murtiin si biraati
Arraba okkoluun irra dibaan loogu bifa haqaa dhoksani
Sessegaaf Amantiin waliif dubbiin lama tokkummaa hin qabani
Dubbii qolaan himuu gaaffii deebii hin qabneen dhaloota ajjeesani
Qabaa dhabaa godhuu harka lafa jalaan sakkabaan bulani
Barruu bal'aan bulaa namni jibba dhaaluuf amalan Wal dhiibee
Bakkeen hin mul'atuu keessa kulkulfataa lafeen Keessaan cabe
Jaalalaaf kan jaamee maqaa gooftaa waamaa kan jibbaa facaasu
Dubbii itti hirkisaan wangeelaa Kee labsaa Kan nama mancaasu
Jibbi maqaa dhugaan bifa isaa jijjiire jaalalaa fakkaate
Deemsa karaa dheeraa kurfeeffannee kaane karaan gabaabbate
Ittiin waamamuufi maqaaf malee Addaam tasa qomoo miti
Ijoollee Abbaa tokkoo Kan addaan baasanii akka orma ta'utti
Kan dhugu hin dhabnee kan nyaatee jiraatu bulee bor arguufi
Namni namummaasaaf nagaa dhabe malee lubbuun jiraachuufi
Dagatamee hin hafuu duuti saba keetii gaddi haadha hiyy...
Play on Telegram