Yoomu hin irraanfadhu garaa koo naa nyaata
Kan ati naaf oltee guyyaa gaaf jimaata
Sin malee hin qabu fayyisaa lubbuu koo
Dhumaa koo bareechi maaloo yaa waaqa koo

Nagaanis jaalalis mana kee jalatti
Akkan sin buluuf naaf kenni amantii
Maaloo yaa abbaa gad nan dhiisinni
Cubbuu koo ilaalte narraan caaldhisinni

Fannoorratti ol batte kan ati naaf dhiphaatte
Hin dagadhuu yommuu olmaa ati naaf oltee
Laphee koorraa jiraa keessi koon dagattuu
Daawaa jireenya koo maqaan kee haa ulfattuu

Naaf du'uun kee yommu keessa kootti hin badu
Dhaloonni hundumtuu maqaa keen gammaduu
Keessi koo yoom iyyuu waa'ee keef gaggabbaa
Dhiigaa kee lolastee sitti harkaa na qabaa

Boqonnaan argadhee mana kee keessatti
Galataan sif ladhaa iddoo aarsaa keetti
Bitta diina jalaa bilisaa na baaste
Yoom na dagataa ati harkaa koo naqabdee

Ati dubbannani hunduu ni mijaawwa
Jammaan ni banama du'annis ni ka'aa
Alazaar ka'eerra guyyaa arfaffaatti
Maalookaa naaf banni ijaa koo amantii

Naa eeggi abbaa koo bobaa kee jalatti
Akka na hin nyaanne sardidaan amanttii
Sardidaan kaattetti hoolota adamsuu
Irreen abbuummaa kee har'a nurraa haa cabsuu