Aduun koo na duraa hin lixxu
Jiini koos ifa ishee hin fixxu
Waaqayyoon ifa naaf ta'a
Barri Gadda koo hin ga'a

Dhabeessa ta'ee qarmii yoon bu'e
Guutee mirgisa burqituun gu'e
Obseetan eega hin mankaraaru
Guyyan dhaladhe gaddee hin abaaru

Dubbiin Jechasaa dungoo dhugaati
Hin dukkanaa'u waaqni ifa kooti
Dhiphuun dagaagus baduunsaa hin oolu
Kanaaf jarjaree carraa koo hin goolu

Dubbatee hin seessu waan nuuf kakate
Hirreen waaqayyoo yoom gabaabbatee?
Warreen qabanif ba'aa ulfaataa
Mil'annaasaatiin boqonnaa laata

Haalli jireenyaa bitaacha'ullee
Ifeen mul'adha akka urjiilee
Hin raajeffadhu waa'ee foon kootii
Anaaf kiristoos jireenya kooti

Play on Telegram