Jaalali samiirraa harkisee si buuse
Ilman Addaam hunduu si gaddisiise
Hidhaa cubbuu irraatti dhiigaa keen nu bitee
Dabarsitee of lattee ati nu fayyistee

Bitaafi mirgatti kan daddarbatamtee
Isa kufee kaasuuf fannoo jiidhaa baatte
Foon nama uffaatten giddiraa fudhattee
Waanjoo du'a jala ati nu bafattee

Eessaa irraa jalqabuu olmaa nuuf raawwattee
Maaliniis golabuu isaa ati nuuf taattee
Ka'umsaafi ga'umsaan katabamee hin dhumuu
Gatii kee deebisuun tasa hin danda'amuu

Mo'aa waan hundaa osoo taattee jirtuu
Lubbuu nama olchuuf du'a kan filatuu
Kakuun siin haromee ati wareegamtee
Dhiigaa ofii uffaattee ifaa nutti uwistee

Yakkaa nuti hojjeenneen ati fanniffamtee
Fuula kee midhaguun hancufa simattee
Garboomne kan turee nu bilisoomsitee
Ofii surraa dhabdee simboon nu golgittee