Murtii du'a kootii situ bakka buufame
Mataakee bareeda Doreen itti gonfame
Qullaakoo dhoksuudhaaf ofii qullaa taatee
Dhiphuunkee Jimaataa naan garaa na nyaate

Ba'aa cubbuu kootii fedha keen fudhatte
Mi'awaa nasooruuf hadhaawaa unatte
Ijikoo imimmaani oolmaakee yoon kaasuu
Meemaaluma godhee gatii kee siif baasu

Danda'aa dugdikee naaf jedhee dhaaname
Qulqulluun barruun kee liixon waraaname
Ballesaa koo hundaaf sit kafalee beenya
Naaf jettee dhoobatte yaabishaan jireenya

Jaalala koof jette samiirra gadi dhufte
Ballessa koof jette Fannoo baatte kufte
Tolakam hojjadheen gatii kee deebisa
Dandeettikoon oli oolmaan kee hundi isaa

Gaarummaa koo kamiif akkas najaalatte
Dhiigakee lolaastee foon kee kan naaf laatte
Gatii kee deebisuuf miti dandeettin koo
Oolmaakee dubbadha bara jireenyakoo

Play on Telegram