NAAF JETTEE KAN DUUTE
Fannootti olbaateka uumaa koo
Nuuf jette kan Duute gooftaa koo
Jaalala kee ibsite dhiifamaani
Fayyisaa addunyaa araarani
Sifannisani kaa gooftaa koo hamminaani
Laphee jabbinaani fannisi jedhaannii
Fayyisaa ta'uukee dagatanii
Fannoo irratti cinaacha kee waraanani
Qeesariif kan laatte gooftaa koo dhiifama
Nurraa kan kaaste du'icha isa hamaa
Ofiisatii du'ee yakkuu keenyaani
Du'aa nu oolchate dhiphinaa arguuni
Fayyisa addunyaa abba dhiifama
Dhiitamee Kabalamee akka cubbamaa
Ergamoonni Waaqa nii gaaddani
Dhiphinaa isaa hundaa ilaalani
Laftis ni gaddite aduunis ifaa dhowwaatte
Urjoonni harca'ani ji'is dukkanoofte
Biyya lafaa irratti fooniin nuuf dhiphatte
Cubbuu Adaamiif jette samiirra gad buute
Saamtota gidduutti fannoo irraa oltee