Iyyesuus Kiristos daandii dhugaadha
Hundaa danda’a mootii moototaadha
Uumaa uumamtootati maal Dadhabee beekaa?
Abbaa hundumaatii kan namaaf dhiisu yakka

Maalumaaf shakkinaa innoo Waaqayyoodha
Kan dhandhamee argeef maqaansaa guddaadha
Waaqa waaqotaatii isaa waaqeessina
Waan tokko raafamnu isaatti amanna

Iyyesuus Kiristoos buddeena jireenyaati
Isuma waammanna abbaa furmaatati
Innoo fayyisaadha hangafa lubootaa
Kan isaa kadhatee jireenya argata

Halkanii fi guyyaa isa kan nu tiksu
Gooftaa jiraatadha hundaa kan taasisu
Maaloo yaa namootaa isaan haa jiraannu
Jaalalaan dhugaadha isaa haa faarsinu

Iyyesuus Kiristos nuti ni lallabnaa
Addunyaa hundatti deemnee dhugaa baana
Uumamtoota keessaa addaa nu baafatee
Mootummaasaa dhaaluuf innoo nu waammate


🎵 Play Music From Telegram