Guddinnaa kee ulfinnaa keen odeessaa
Jaalalaa kee argee akkamitaan dhisaa
Wangeellaa kee addunyaaffaan labsaa
Waan na ga’ee akkimittin dhoksaa

Guddinnaa kee ulfinnaa keen odeessaa
Jaalalaa kee argee akkamit caaldhissaa
Wangeellaa kee addunyaaffaan labsaa
Waan na ga’ee akkimittin dhooksaa

Xiibradosiitti raajiin ati hojjetee
Iyyarikoot inni ati rawwaatee
Ajaa’ibaam sammu naman olii
Siif haa ta’uu galataafi ulfinnii

Kee hin dhumuu himamee
Kee hin dhumuu lallaabamee
Hamma handarraa biyyaa lafaa
Wangeelli kee itti fuufa

Sittuu dhabee humnaa Leegiyyonnii
Ballii keettin gooftaa abboommunnii
Maal dadhabdaa hundummaa dandeessaa
Martuu harkaa kee barruu kan kee keessa

Waggaa dheeraaf dhiigni ishee lola’ee
Qophaa taatte namni irraa adda ba’ee
Dhuftee tuqxee uffataa kee gooftaa
Ni dhabaatte dhiphuun ishee baroota

Betesayidaat Matsagguu fayyistee
Damasqoottis Phaawuloos boojitee
Humnaan miti jaalalaan weerartaa
Ati Iyyesuus hundumaa iyyuu caaltaa