Guddinnaa kee ulfinnaa keen odeessaa
Guddinnaa kee ulfinnaa keen odeessaa
Jaalalaa kee argee akkamitaan dhisaa
Wangeellaa kee addunyaaffaan labsaa
Waan na ga’ee akkimittin dhoksaa
Guddinnaa kee ulfinnaa keen odeessaa
Jaalalaa kee argee akkamit caaldhissaa
Wangeellaa kee addunyaaffaan labsaa
Waan na ga’ee akkimittin dhooksaa
Xiibradosiitti raajiin ati hojjetee
Iyyarikoot inni ati rawwaatee
Ajaa’ibaam sammu naman olii
Siif haa ta’uu galataafi ulfinnii
Kee hin dhumuu himamee
Kee hin dhumuu lallaabamee
Hamma handarraa biyyaa lafaa
Wangeelli kee itti fuufa
Sittuu dhabee humnaa Leegiyyonnii
Ballii keettin gooftaa abboommunnii
Maal dadhabdaa hundummaa dandeessaa
Martuu harkaa kee barruu kan kee keessa
Waggaa dheeraaf dhiigni ishee lola’ee
Qophaa taatte namni irraa adda ba’ee
Dhuftee tuqxee uffataa kee gooftaa
Ni dhabaatte dhiphuun ishee baroota
Betesayidaat Matsagguu fayyistee
Damasqoottis Phaawuloos boojitee
Humnaan miti jaalalaan weerartaa
Ati Iyyesuus hundumaa iyyuu caaltaa