Jajamaan si qofa yaa Gooftaa Guddicha
Web Master
Mar 15, 2025
F/taa Milkii Jamaal
1684 Views
"
Ragaa keetiim anoo situ oolchee na bulcha
Erga na dhuunfattee jireenyi koo tole
Duruu sin jaaladha amma natti caale/2/
Ati jaalala kan jiraatamtu
Haadharra aantee Abbaa kan caaltu
Madaa barruu kee gidduu na baafte
Yaa jireenya koo jiru koo taate /2/
Oolteen koo nagaadha Milkiidha bulteen koo
Nagaa nan jiraadha fayyeera afuurri koo /2/
Eenyu sin beeku ati hin baramtu
Beekumsi sammuu siin hin qoratu
Tokkichi ilmi kee kan si seenesse
Madda waan hundaa fayyeen si faarse /2/
Oolteen koo nagaadha Milkiidha bulteen koo
Nagaa nan jiraadha fayyeera afuurri koo /2/
Qondaala miindaa siinaa jajamaa
Gartuun qilleensaa siin bobbaafama
Galatat raasee Buusaa mana kee
Si keessan arge na keessa kan kee /2/
Oolteen koo nagaadha Milkiidha bulteen koo
Nagaa nan jiraadha fayyeera afuurri koo /2/
Play on Telegram