Tokko taana yaa Gooftaa nu taasisi
Web Master
Mar 15, 2025
F/taa Dn Kennaa Abboomaa
1710 Views
"
Jaalalaa kee nagaa kee nu badhaas
Mana kiristiyaanaa maaloo maaf jeeqamte
Tokkummaan kees badee jibbaan qoqqoodamte
Tokko si fayyada kaan immoo si miidhe
Ijoollee osoo qabduu deesse dhabduu taate
Qomoof naannoodhaanii osoo wal qoqqoodnu
Keellaan keenya jigee diinota keenyanu
Warra kolfaa taanee waltajjii hundaanuu
Waldhibdee keenyaatin badan baay’eetu
Keessisaa awwaalchaa dubni isaa miidhagaa
Fakkaanneetti jiraanna amantoota dhugaa
Jibbaan wal qoqqoodnee akkamiin tokkoomnaa
Akka ijoollee ribqaa nutoo wal dhiibbanna
Kan amantaa hin qabne sobaan nu himachaa
Bara lakkoofsisna jibbaatiin jiraachaa
Kana faayidaa baree maqaa nu hadheessaa
Mana kee kan jeequ baasi qacceen keessaa
==•|•==
Play on Telegram