Iyyoollee Abaaboon Daraareeraa
Yoseph Tena
May 7, 2025
2031 Views
"
Barri haaraanis kunoo nuuf dhuufeeraa,
Galataa Waaqayyoo ifni nuuf iifeeraa.
Iliil jedhaa abaaboon daddaraareera,
Barri kun haa ta’uu kan araaraa.
Halleeluyyaa jennee ---- Eeyyen daraarera,
Maqaa isaa waammannaa ----
Waa’ee gochaa isaatii ----
Goofticha jajannaa ----
Guddaadha Waaqayoo ----
Galatoomi jennaa ----
Waggoota jijjiiraa ---- eyyeen daraarera,
Hundi harka isaa jira ----
Uumama uumuu isaa ----
Jecha isaan himeeraa ----
Akkuma waggootaa ----
Seenaas ni jijjiiraa ----
Bara isa haarattii… eyyeen daraarera…
Isa waliin taanaa…
Qalbii jijjiirrannee…
Gara isaatti deebinaa…
Gara laafessadha…
Mana isaa jiraanna…
Hundi keenya kaanee… eyyeen daraarera…
Waadaa waliif galla…
Jaalalaaf nageenyaan…
Wajjiniin jiraannaa…
Diinni leeyya’atee…
Koottaa tokko taana…
Kabajaan ta’a ulfinaanii…
Kabajaan taa'aa ulfinaanii,
Uuffannaa jaalalaa uffattanni,
Cubbuu keessaniis himattanii,
Amantiidhaanis dhaabbattanii,
Mootummaa isaa kan dhaaltanii,
Kaabajaan tura ulfiinanii,
Kaabajaan turaa ulfinaanii. (2x)
Waggaadha waggaa kan geessanii,
Ijoollee gaarii horattanii,
Gochaa diinarraa fagaattanii,
Waaqayyoon akka amantanii,
Kabajaan turaa ulfinaanii. (3x)
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu