Masqalli hangafaa
Hangafa Ayyaanotaa
Kan itti nuuf argame
Fannoon Gooftaa....!

Hundi ayyaaneffata
Ililleedhan guutame
Miidhagina aadaan
Baay’ee faayamee...

Nama qofaa miti
Dacheenis urgooftee
Samiinis qulqullooftee
dumeessa mulqattee

Bubbeenis bubbisee
magariisa dambaliisee
Qalbii namaa kaasee
garaa nama raasee

Simbirroon martuu
Sagaleen weellisaa
Kallattii hundarraa
Nama gammachiisaa!

Eeyyee Kanaaf jedhama
Masqalli Mootii Ayyaanaa
Yemmuu ayyaaneffannu
Gammachuu argannaa....!

Aadaaf amantii keenyan
Boonnee burraaqnaa
Ayyaana masqalaa
Martuu kabajannaa

Ishoo baga geessan
Hangafa Ayyaanotaa
Hundumti keessaan
Eegaa yA namootaa!!!!