....Fannoon humna qaba...
Dhaga'aa yaa sabaa(3)
Fannoon humna qaba

Dhiiga hoolaa Dhugaat....
Fannoorratti cobe.......
Isaan nagaa argatee......
Lapheen gaddan cabe....
Jeequmsa hammaate....
Tasagabbiin utube......

Warreen hin hubanneef......
Fannoon gowwummaadha.....
Warreen itti amannneef....
Nuuf garuu ogummaadha....
Baasnee addababayii....
Dhadannoo keenyadha......

Mormatti hidhannee....
Eenyummaa keenyafi....
Ifeentoo mul'anne....
Addunyaa hundaafi...
Nuyiif humna keenya
Hin galle Ormootafi

Diinonni baay’eedha.....
Gareen Ayihuudotaa.....
Balleessuuf barbaada....
Har'as nii dhaadataa....
Yaaduma joonja’aa.....
Lallabni jal'ootaa....