Ullee amantaa abbootii hin jijjiiramnee
Yoseph Tena
May 7, 2025
F/taa D/n Daani'eel Malkaamu fi F/taa D/n Hiikaa Bulti
1236 Views
"
Galma eebbiiffamtuu hin moofnee
Maariyaam sidha hirkoon qulqulloota
Maariyaam sidha jabeenyi amantoota
Haadha dhugaafi qajeeltuu
Silaasseef sagaadu kan barsiiftuu
Nuuf kadhaadhuu ilmaa kee araaraa
Araarsummaan kennaa sif ta'eerraa
Nama kammii kan sin beekne
Ulfinna kee argee kan sin waamne
Dhugaafi tannaan waa'een kee hin dhokatuu
Ni dubbaata kan kee wangeellattuu.
Kan jiraatte durbummaani
Addeessaa nuuf deesse ulfinnaanni
Dhaloota hundaaf darbee ni himammaa
Kassoominni kan kee ni faarsammaa
Jaalallii kee nu mo'ee
Faarsaan keenyaa maariyaam kan sif ta'ee
Kan laallistee ullee Aaroon caalaa
Durbaa keessa eenyuu sin madalaa