Ani Waan Tokkoo Hin Qabu
Yoseph Tena
May 7, 2025
F/ttuu Hiruut Fissaha
1045 Views
"
Hir'uu koo guutuudhaaf jirtaaka waaqa koo
Waan hundummaa dursee maqaa kee waamun koo
Ilaali naaf guuttii hir'uu jireenya koo
Essaawuu eebbaa barbaachaaf yoo ariifate iyyuu
Waan barbaade argachuudhaaf yoo dhufee iyyuu
Egaa gooftaa ati hin filee tannaan
Jireenyi hin jiruu waaan fedhee tannaan
Yoo ati namaaf laate ogummaa hundummaa
Eenyuuttuu ittin mormaa hunduu sif bittammaa
Dhiifaman kan guutee danda'aadha ati
Kan akka kee gooftaa eessaa iyyuu hin jiruuti
Innaafaan diina koo anarraa kaastekkaa
Yaada garaa koottin kuno naa geessekkaa
Hundumaa dursee galata kee malee
Maalaan qabaa gooftaa koo an si malee