Yaa Waaqayyoo Si waamanna
Yoo nuu faana jiraate jabaanna
Tokkummaa nuuf kenni
Jaalalaa nuuf kenni
Amantaan dhabannaa

Kottuu Maariyaam gara keenya
Araara jaalalaatifi nageenya
Araarsummaa keettin akka Dokimasii
Guuti hir'uu keenya

Kan gaggeessitee saba Israa'eli
Hangafa ergamoota Mikaa'eli
Cubbuun akka hin kufnef
Hamaan akka hin dhufne
Har'aas nuu gargaarii

Fuula Waaqa kan dhabbaattu
Ulee fannoo gooftaa kan qabatu
Ergamaa Gabri'el ariifadhuu kottu
Diinii haa baqattu

Ergamootafi qulqulloota
Waa'ee Kiristoosiif dhugaa ba'oota
Eebbaafi waaddan keessan nuufis haa rawwaattu
Har'as akka abboota