Galata Waaqayyoo
Kan yoonaan nu gaa’ee

Umurii nuuf dabalee, jireenyaaf nu yaade,
Eebbaafi jaalalaa, isaan guyyaa har’a nu ga’ee
Yaa galateeffannuu, kan yoonaan nu ga’ee.

Fedhaa fi jaalalaan, isaan guyyoota dabarsee,
Ji’ootas dabalee, waggaa kan taasisee.
Waaqa kan godheef, kottaa iliilchaafi.

Baraan kan jiraatu, baroota dabarsee,
Guyyaa har’aa nu ga’ee, dhiifaman nu ilaalee.
Oolmaa isa hundaaf, Gooftaan haa ulfaatu!

Tasa geenyee miti, karoora Kee malee,
Isaa nu eeguttuu, umurii nuuf dabalee.
Dhiifama Isaatiin dursee nuu waamatee.

Baganaa fi maseenqoo, fannoo irraa buufannee,
Galata Waaqayyoo, wal fanaa hiriirree —
Galata haaraadhaan, Waaqayyoon faarfannaa!