Obseen si eeggadha ani hin ariifadhu
Hiixata kee malee kan biraan barbaadu
Yoo turteyyuu goofta sindursu eenyumtu
Badhaasni kennaake yoomu itti hin hir'atu

Abdiin ija kooti gara keeti gooftaa
Kennaa eebba qabuu sumatu naaf laata
Ati yaa waaqakoo waan hedduu dandeessa
Mogolee koo laafe situ qabee olkaasaa

Oto ati jiraattee Alaazar hin du'uu
Yoo jettes maartaani eenyuu hamma kee hin gahuu
Erga awwalamee guyyaa afraffaasa
Sagaleen kee gooftaa du'aa bol'aa kaasa

Ani deebi'eera gara waaqa kooti
Cabaa koo kan dhidhiibuu harka gooftaa kooti
Arjaa saamiriitin zayita nadibaa
Madaakoon fayyisaa gooftaan maal dadhabaa

Seenaa koo jijjiiruf ati yeroo qabdaa
Obseen si eegadhaa waaqakoo ati jabaadhaa
Waan jetten raawwattaa akka namaa mitii
Gochaa kee hundaafuu galatoomi ati