Yaa Gooftaa danda'aa koo (2x)
Ati beektaa waa'ee koo
Kan koo si qofaadha abdiin koo

Gara keen ilaalee gadda gammachutti
An eessayyuu hin dhaquu gaaddisa koot atii
Dubbiin sagalee kee anan na jabeessaa
Yaada keessa kootiif ni ta'a ga'umsaa

Sitti kennadheera ani jireenya koo
Natti haa hafu hundisaa si malee gooftaa koo
Si wajjiin jiraachudha hawwiin koo inni guddaa
Gargaaraa akka keetii eessattan argadha

Sittan mari'adhaa dhoksaa garaa kootii
Na simadhu adaraa dhiifama keen atii
Nan salphistu egaa naaf taataa da'oo koo
Narra addan hin ba'in eegumsi kee abbaa koo

Siifan du'a jedhee afaan isaan firri koo
Na dhiisee darbeeraam arge kufaatii koo
Jaalala kee guddaan at na kununsitee
Madaa garaa kootii harka keen fayyistee