Maaf Caaldhisii Nan Jettu
Yoseph Tena
May 8, 2025
1701 Views
"
Hin dubbattin maaf jettu oolmaa isaa
Anaaf jechaa lola'uun dhiigaa isaa
Anaaf jechaa madda'uun dirraa isaa
Eennan guyyaa jimaata argee fannoo guubatti
Har'as na keessa hin badnee na nyaata keessa kootti
Ati fannoo jidhaa battee kuftee anaan ol qaba
Anaaf jechaa cacabbee irreen kee inni jabba
Kan koo maaf isiin quqaa kan koo maaf isiin dinqaa
Fayyuu koo argeettannoo maqaasattif dalagaa
Gaaffin koo bara dheeraa isaan naaf deebi'erraa
Gooftaan koo harkaa isaattin cabbaa koo qaqaberraa
Inni taanaan jilbaa koo inni taanaan cinna koo
Umuriin koon warreegee hin quusadhu eenyuummaa koo
Waayiniin koo laalisee daraaree ijaa goodhattaa
Warraa mormituu kootti du'aattu isaan eggataa
An argeem jaalalaa kee an argeem arjummaa kee
Eessummaa hin argamuu hin uumamuu akki kee
Hoolaa qalamuuf deemu harkiffattee jaalalaa
Yeroo inni fanniffamuu ijaa koottin argeerraa