Jaallatamaadhaa maqaan kee
Hin argamnee kan akka kee
Faayisa lubbuu koo eyyee
Si du'a na oolchee " " "
Jalqabaaf dhuma koo
Situ anaaf tolchee
Furii dhala namaa
Abbichaa jaalalaa
Kan sitti amannee
Du'a jala galas
Jaalalaan beekamta
Hundumaa biratti
Ani siin barreeffadhaa
Onnee koo irratti
Galaannii haa callisuu
Sin jedhuu Iyyasuus
Naafatu utaalaa
Si waamuun kiristoos
Haa dhaaluu maqaan kee
Inni hundaa caaluu
Addunyaan kun martuu
Ajaja keen buluu
Maqaa faayinatti
Hundaaf kan laatamee
Takka badee hin hafuu
Kan sittiin waamamee
Duute dunii hafee
Bilisa nu baastee
Mallattoo fayyinaa
Dhiiga kee nuf laatee