Barootaa baraan, jijjiirta baraan jijjirta,
Hundumaa ni dabarsitaa, ni dabarsitaa —
Ulfaadhu Mootii Moototaa!

Waqtilleen martii yeroon naanna’uu,
Iddoo gad dhiisee, wal irraa bu’uu.
Seeraan qoqqoodee, mimmijeessitee —
Jireenya namaaf, waan gaarii gootee.

Akka daraaraa abaaboo birraa,
Umuriin namaa, dabareen taraa.
Dangaa hin qabu, kan kee yaa Gooftaa —
Jaalalaan moote, baraan jiraataa.

Uffata cubbuu of irraa baasnee,
Kan qulqulluummaa ofiitti uffannee.
Kan bara darbeef gabbii galeeraa,
Bifa haaraadhaan siif hiriirreeraa.

Yeroo isa eege, barriin moofa’a,
Isaa haaraadhaan bakka ni bu’a.
Kan hin moofofnee si qofa Gooftaa —
Duriis kan turtee, har’as ni jirtaa.