WAAQUMMAAN KEE DHUGAADHA
Yoseph Tena
May 8, 2025
F/ttaa D/n Zerufa'el Bahiruu
870 Views
"
Akkeenyi kee jaalala hin qoratamu
Duris turtee ni jiraataa ati har’asii
Ilmaa Waaqa Gooftaa Iyyesuus Kiristoosi
Dura jechaa ture Waaqayyoon bira
Jechis waaqa kan ture caalu hundaa irraa
Hunduu kan isaati jedhe isumaan ta’e
Waaqummaa kee Yohaannis dhugaa ba’e
Si harka jira jireenyi situ kenna
Ati ifaan kan cabsite aangoo dukkanaa
Mul’achuu kee addunyaan ni waakkatte
Warra amannuuf mucummaafi aboo laatte
Addunyaan yoo salphiste akkenya kee
Namummaan daandesite amala kee
Nuti garuu ni amannaa gooftuummaa kee
Namummaadhaan waloomeera waaqummaa kee
Fayyuu keenyaaf kan dhufte nu jaallattee
Nu fakkaachuuf foon Maariyaam kan uffatte
Waaqummaa kee Yoordaanositti argineerra
Jacha abbaa kees sammiirra dhageenyeerra