MAARAANAATAA
Yoseph Tena
May 7, 2025
F/taa Waldasanbat Baqqala
776 Views
"
Barrii gaddaa bo'ichii hunduu ni hafaa
Mirgaa dhabee dhugaan awwalamuus
Maaraanaataa ni dhufa Iyesuus
Qubelaa motichaa irrattii chappeffamee
Yakkaa tokkoo malee bol'attii kan darbamee
Kan samirraa ta'uu dhugaaf kan jiratuu
Waqayyoo otuu jiruu dani'eel leencii nyaatuu(×2)
Jallinnii yoo hammatee garaa jabeffatee
Dhiiga obbolewwaan kooti albeesaa qaratee
Kan waarensuu baatu aalbedhaan kuffisaa
Sobaa karaa maqsee dhugaa ni moosisaa(×2)
An gara waqayyootti harkaa koo kaasera
Akkaa nuuf dabarsuuf rakkodhaaf gidiraa
Guyyasaa dhiyaatee boru hundii marseraa
Irree dinaa cabsuuf yeroonsaa gaheraa(×2)
Anis abdiin qabaa turetaan eeggadhaa
Boorun koos calalee gaarin waraabbadhaa
Kan hamaa hojjatee hammenyaa akkaa argatuu
Kan gaari faacasee gaarii akka haammatuu(×2)
Tokkoo isaa ta'ee sobee baace nyaata
Tokkoo haqaa koo jedhee gadadoon jirataa
Akkaa musee maaloo sabasaaf kan yaaduu
Gooftaa mee nuf kennii tiksee lammiif yaadu(×2)
Humnis aangoon kan gooftaati
Lafas taanaan samirrattii
Tikseen keenya waaqa keenya
Hin lalistuu dinnii keenya
Gufuu guruus nun deebisuu
Abbaa qabnaa kan nuu cimsuu
Irraa aanuun kanuma keenya
Keenya lolaan waaqa keenya
Jirataadhaa gooftaan keenya
Diinni dhaalu gartuu kenyaa
Seexanichii diinaa keenya
Ni mormina hundi keenya
Nutti marseeraa nuu nyaachuuf
Eegaa qabnaa misiraachoo
Teellaa keenyaan addaa nutii