Maaloo yaa abbaa koo karaarraa naa kaasi
Akka hiriyoota koo guutu naa taasisii
Qaroo koo dhabudhaan karaatti hafeeraa
Maaloo yaa Iyyesuus koo an si waamadheeraa
Maaloo abbaa koo an si waamadherraa

Isaa moo maatiisaadha kan waa balleessee
Moo gidiraa isaattin kan qaroo isaa jaamse
Jedhannii gaafatan waa'ee kee cimsannii
Isaan fayyisuu kee taasa yoom yaadanni (2x)

Hiyyumaa koo jechaa dhaburraan kan ka'ee
Ceephoo biyya lafaa anarraatti ta'ee
Nan amanaa gooftaa hin hafuu karaarratti
Iji koo na jamtuus lapheen koo si ilaalti (2x)

Siti amanaa gooftaa duraa kee dhabaadhe
Jabeessettan iyyaa naa fayyisi jedhee
Fariisotni yaadan karaa natti cufu
Hin deemin nan jedhuu yoon gara kee dhufu (2x)

Isaa moo maatiisaadha kan waa balleessee
Moo gidiraa isaattin kan qaroo isaa jaamse
Jedhannii gaafatan waa'ee kee cimsannii
Isaan fayyisuu kee taasa yoom yaadanni (2x)