Ati na fayyisii an siin faarsaa
Yoseph Tena
May 9, 2025
1062 Views
"
Saba kee hundaataan wa'ee kee odeessa
Addunyaa hundarrattin maqaa kee olkaasaa
Gocha kee kanaafis diina koon qanneessaa
Maaloo kadhaa koo naaf dhaga'ii(2)
Iyyeen si waamadha daaf na bira ga'ii
Abbaa koo Amanu'eel harka koo na qabii
Kufeen si waamadha daaf na bira ga'ii
Ishoo kadhaa koo naaf dhaga'ee(4)
Biyya lafarratti abdii kanan dhabee
Abdii kan naa ta'u waaqa koon waamadhee
Bakkeenanii kufee dhufee na kaafatee
Kanaf waaqayyoon nan jaalladha(4)
Nuttis akka kee ni jaallanna
Naan jaalladha eyyee nan jaalladha
Gaafa rakkoo....Naan waamadha
Rakina koo......Itti himaadha
Fayyisa koo....Naan waamadha
Rakina koo.....Itti himaadha
Caalaa hundaa...Naan waamadha
Gochasaattiif....Naan farfaadha
Anoo Maariyaamiis naan jaalladha
Naan jaalladha eyyee Naan jaalladha
Anoo mika'eeliis naan jaalladha
Anoo Gabri'eeliis naan jaalladha
Anoo Takliyyees
" " Abuyyees
" " Arseemaa
Naan jaalladha eyyee naan jalladha
Anoo qulqulloota jaalladha nutis akka kee ni jaallanna
Anoo waaqa koo naan jaalladha nuttis akka kee ni jaallannaa(3)
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu