Amma Ifatuu nuuf ba’ee
Yoseph Tena
May 9, 2025
738 Views
"
Durbee irraa dhalatee fayyina nuu ta’e
Saamiirraa gad bu’ee Addamiin
barbaadee(2x)
Taayitaa isa jalqabaa deebisuudhaaf jedhee
Amma ifatuu nuuf ba’ee(2x)
Durbee irraa dhalatee fayyina nuu ta’e
Lubbuu isheeraa lubbuu foonsheerra
hiirmatee(2x)
Fannifamuusaatiin duu’a nu oolfatee
Amma ifatuu nuuf ba’ee(2x)
Durbee irraa dhalatee fayyina nuu ta’e
Duuressa ossoo ta’uu kan danda’u
hundumaa(2x)
Beela’ee dheebotee baate ba’aa namaa
Amma ifatuu nuuf ba’ee(2x)
Durbee irraa dhalatee fayyina nuuf ta’e
Aakka baarbadaa’uuf mootummaan
seexanaa(2x)
Foon Addaam uffatee nuuf ta’e fayyina
Amma ifatuu nuuf ba’ee(2x)
Durbee irraa dhalatee fayyina nuu ta’e
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu