Hin dogongorre nuti hin dogonggorre
Yoseph Tena
May 9, 2025
1048 Views
"
Waaqayyoon ni bu’e teessoo isaa samiirraa
Kunoo ni dhalate dubroo Maariyaamirraa
Kan hin qoratamne iccitii waloomaan
Addunyaa fayyisuuf nama ta’e waaqayyoon
Inni nuu hin kadhatu inni murteessadha
Jennee yoo dubbannee ilmi maariyaamiidhaa
uti hin dogoggorre dhugaan isaa kanadha
Gooftaaf nuuf kadhata kan jedhe eenyudhaa
Taabota waaqayyoo kabajaan hordofnee
Mallattoo fayyinaa fannoo isaa qabannee
Karaa ishee qajeeltuu daandii ishee ganamaa
Akka abbootii keenyaa ishumarra deemnaa
Seenaa addunyaa kanaan warreen beekamani
Amanuu diduudhaan du’anii hafani
Gooftaan keenya Iyyasuus kan nu waaqeffannu
Inni jiraatadha baruma baraanuu
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu