Waaqayyoo rafee hin beekuu hirriba akka namoota
Dukkana kana keessaa ijoolleesaa waammataa
Fedhiin waaqayyoo maalii jennee osoo gafannee
Akka nurraa darbuufii jireenyi Gooftaa hin qabnee
Egaa obbooleessa koo mee gaaffiin si gaafadha
Egaa obbooleetii koo mee gaaffiin si gaafadha
Osoo gooftaan kee dhufee balbala kee rukutee
Ni bantaafiree ati dammaqxee hirribaa kaatee
Osoo bantee fi keessaa balbala isa laphee kee
Si kunuunsa olseenee Iyyasuus nyaachisaan kee
Hin ilaaltu hin hawwituu egaa harka namootaa
Keennaasaa isa hin dhumnee barruusaa keessaa nyaatta
Bara dargagummaa kee waaqayyoo kee yaadadhuu
Jireenya foonii dhiisii wangeelaa dhandhamadhuu
Haa qophaa'u Irreen kee haa baatu Fannoo Gooftaa
Yeroo dhufaatiisaatti Giyoorgis wajjin baataa