Yaa abbaa koo yaa gooftaa koo
Yoseph Tena
May 8, 2025
F/ttuu Meetii Efreem
1451 Views
"
Na qabi maaloo anaan harkaa koo
Anoo hin miidhaguu maaloo qofaa koo
Si waliin malee an jireenyi koo
Waan hundummaayyuu yoon qabaadhe
Alaaf mana koo yoon guuttadhee
Mee maalan godhaa isa bor darbuu
Ano si malee nagaa hin qabuu
Biyya lafaadhaan yoon jaallatamee
Qabeenyaf aangoon yoon jajamee
Yeroodhaaf malee booda nagataa
Oolmaan gooftaa koo garaa na nyaataa
Fedhii fooniidhaaf mana kee baqadhee
Seera abboommii kee anoo dagadhee
Nagaaf jaalalan si malee dhabee
Gooftaa koo maaloo an sittan boo'ee