Seeni Waaqa Nagaa/ግባ የሰላም አምላክ/
Beresa Abebe
Jun 15, 2026
F/taa Naatinaa'eel Boggalaa
1470 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Seeni Gooftaa dhiifama seeni
Haa ga'u imimmaan rakkinichaa
Nu haa guutu yeedaloon mo’ichaa
Lapheen keenya afeera meexxii kabajni
Guddaa gurguddootaa deddeebi'i seeni
Wixineessineerra Haa ta'u hoosa'inaa
Samiif lafarratti situ nuuf fayyinaa/2/
Obboloota gidduu Qayeel maal hojjeta
Waraana ifadhu si kadhannaa Gooftaa
Hedduun warra hamoon dhahameetu kufe
Seenudhan murteessiif Si'in kan eeggatee/2/
Dachee keenyarratti baqattoota taane
Bishaan kan keenyasi gatiidhan kan bitne
Nuti kan facaasne diinni funaannate
Callisuun maalinni Gooftaa maaf dhiiste/2/
Ol jedhi itiyoophiyaa si argeera waaqni
Bishaan waraabama kattaa kee irraati
Samiin kee ni rooba buddeena jireenya
Misirroon dhufeera mootichi guddaani
Waaqayyo dhufeera mootichi guddaani
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu