Ati ya haadha dhugaa/2 /
Ayyaana argatte ulfina durbummaa
Maariyaam sif bu'ee afuurri abbaa
Gaara giisheen irra Ulfinaan teesseettaa
Eebba isa guddaa Harka keen qabdeetta
Siif nii sagadnaa Kabaja ulfinaa
Maariyaam giiftii keenyaa Heedduu si jaalanna
Ayyaana argatte ulfina durbummaa
Maariyaam sif bu'ee afuurri abbaa
Cimaadha gaarri isaa Fagoodha deemsi isaa
Naaf kadhadhu ilma kee Iyyesuus uumaa koo
Akka abaaboo birraa Mul'adhee akka hin banneef
Cina koo dhaabbadhuu Raawwadhee akka hin kufnef
Ayyaana argatte ulfina durbummaa
Maariyaam sif bu'ee afuurri abbaa
Adaadii koo Maariyaam Nan dhufa mana kee
Na simadhu adaraa Harmeekoo mucaa kee
Yaadannoo ilma kee Qabadhee fannoo isaa
Hin qaana'u anoo Ililcheen si faarsaa
Ayyaana argatte ulfina durbummaa
Maariyaam sif bu'ee afuurri abbaa
Yoomuu sin dagadhuu Miiltookoo ganamaa
Yaadannoo koo durii Daandiikoo fayyinaa
Na keessa jira hoo Dhiigni ilmakeef foonsaa
Kanaaf sin jaalladhaa Waan taateef haadhasaa