Maal qabarree yoon faarsee maqaa haadha koo
Naaf tateetti hirkoo guyyaa rakkoo
Maqaa isheen ol kassaa addunyaarraa marsee
Waa'ee isheen lalabaa wangellaan caqasee

Ergamoonni Waaqa qulqulloonni samii
Maqaa kee faarfaattuu Maariyaam jedhannii
Gabri'eel samiirraa Elsabeettis lafa
Nagaan sif haa ta'uu durbee koo haadha ifa.

Garaa koo na nyaata garaa lafummaan kee
Haadha nama deesse jalam gargarsii kee
Kaleessa na wajjin baateta biyya ormaa
Haadhummaa kee yaa durbee sichaano sif hima

Luqaastu dubbata afuurran barreessee
Waa'ee kee caaldhisu garaa kamiin obsee
Baga Daawit faaruu Yaaredinni
Si waamna Maariyaam barumaa baraanni.

Argerraa iji koo gurrii koos dhaga'ee
Faaruu qulqulloota ta'uun kan kee durbee
Anis dhaloota sanyii abboolli koo
Sin jechuu hin leeyya'u Maariyaam harmee koo