Ayyaanni abbaa si golboobee
Sanyiin fayyinaa sidha durbee
Afuurri dhugaan sirra bule
Hundumaa keessaa sumaan filee
Ilmi waaqayyoo sirraa dhalatee
Boo'ichi keenya ni raawwate

Sichi hin gaddinuu ni faarfannaa
Dhiphinni keenya sun darbeera
Godaansa cubbuun yemmuu joorru
Gooftaan samiirraa nu ilaaleeraa

Jechi waaqayyoo foon uffattee kunoo durbeerraa
Maariyaam nuuf deessee Iyyasusii nuy gammanneerra
Ilmi waaqayyoo foon uffate maariyaamirraa
Isheen nuuf deenyaan Iyyasusii nuy gammanneerra

Sanyii fayyinaa nuuf qopheesse
Dhaala abaarsaa ishee tikseen
Jaalala keenyaaf of madeessee
Barbaadee dhufee nu deebisee

Qorichi keenya dhalateera maariyaam nuuf deessee
Akka jiraannu nuu du'eetu nu jiraachisee
Fayyisaan keenya dhalateera maariyaam nuuf deessee
Akka jiraannu nuuf du'eetu nu jiraachisee

Sinboonshee adda jaalatamtuu
Uumama hundaarra Kan caaltu
Koottu gugeekoo yaa misirroo
Libaanosirraa Kan mul'attu

Garaa laafettiifi garraamii ati addadha maariyaamii
Waaqakeef mana bultoo taate samii lammaffaa aariyaamii

Waadaasaa ishee irraan raawwate
Du'ee du'a keenya fudhate
Fooniifi dhiigasaa soorannee
Isa wajjiniin du'aa kaane

Doonii nohiiti dheekamsarraa gara araaraatti
Cehumsa keenyaaf sababadha kakuu haaraatti