Fannoo jala si argannee kennaa Waaqa keenyaa
Nagaan si haa ta'u Maariyaam ati haadha keenyaa

Nagaan siif haa ta'uu Maariyaam gad jennee harka si fuunaa
Duti nurra darbeera waan nuuf deessee fayyinaa
Jechi nuuf ibsuu hin jiru hamma nuti si jaallannuu
Takkallee sin nuffinuu yeroo hundaa si faarsinuu

Haadha hundaa keenya yaa kennaa fannoo jalaa
Deesse kan nuuf kennitee fayyisaa abbaa jaalalaa
Galatafi weedduudhan si faarsina ammalee
Abdii jireenya keenya eenyuun qabna si malee

Akka nu araarsituuf mana kee dhufne jirraa
Waadaa keetinis fayyuuf sitti of abdanneeraa
Qannoofnee hin beeknu nuti si kaadhannee yaa durbee
Fayyinas ni argannee gaddas in daabaree

Heewan ishee jalqabaan dut gara addunyaa dhufee
Ishee lammataan garuu jireenyi itti nuuf fufee
Waan taateto kennamteef nufoo bu'uraa jireenyaa
Kabajaan teesse jirtaa seentetoo laphee keenya