Ba'aa koo buufadhee
Leeyyoo tasummaan qabu (2x)
Sitti hirkadheen as gahee
Maariyaam sirraa waan dhabu
Giiftii sirraa waan dhabu

Gatii badiikoo kan darbee baadhe
Baroota hedduu ani nan dhiphadhe
Si naaf muldhatee ibsi karaakoo
Yoomu sin koorsa Maariyaam haadhakoo

Siin maaf jibbaani dhalootni badee
Kan kee samiidha Maariyaam maddee
Maaliif dhama'uu durbadha atii
Kan baatte inni gooftaa hundaattii

Abbootin hundu sifaarsuu alii
Sa'a sa'aattidhan koottu jedhanii
Kan siin kadhateef daftee muldhata
Inni ati deesse innis sijaallata

Haadha kootti ati ani sin dagadhu
Oolmaakoo giifti tasan dagadhu
Qaricha baatte geeraraal buuttee
Biyyaa gibtsiitis hedduu dhiphattee