Koottu haadha koo Maariyaamii
Yoseph Tena
May 9, 2025
1318 Views
"
Maaloo nu gidduutti argamii/2/
Haadha Gooftaa Iyyasuus kan Amaanu’eelii
Badiidhaaf bobbaanee yommuu isa yakkinee/2/
Gatii badii keenyaa isheen baraaramnee
Koottu haadha koo Maariyaamii
Hir’inaa fi dhiphina Dookimaas hubattee/2/
Leeyya’uu jalaatii kunoo isa oolfattee
Koottu haadha koo Maariyaamii
Koottaa amanadhaa lapheedhaa cabaatii/2/
Haadha dhugaa kanaaf ollaa qabadhaatii
Koottu haadha koo Maariyaamii
Yakki koo baay’atee yommuun dhiphadhettii/2/
Harki Maariyaamii ol na qabatteettii
Koottu haadha koo Maariyaamii
Gonfoo qulqullootaa haadha cubbamootaax2
Nutoo si waammannaa maaloo akkam nu gootaa
Koottu haadha koo Maariyaamii
Egaa Maariyaamii nu yaadadhuu
Dhiifama Ilma kee nuuf kadhadhuu/2/
Kennaa kee kan taate Itoophiyaa yaadadhuu
Tawaahidoon cimnee akka itti dhaabbannuuf
Qulqulllummaan taanee akka si kadhannuuf
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu