Muudaa hin qabdu homaayyuu ofii keerratti/2/
Bahii Libaanos irraa Giiftii misirritti /2/ Eeyyee

Yaa Gara Laafettii Gugee garraamii koo
Gaafan daddarbamu kan naaf taate hirkoo
Kaleessa si arguus ati naaf haarawaa
Boqonnaa hin fedhu galata keen hawwa

Nan faarsa maqaakee yaa nagaa qabeettii
Jecha Gabri'eelirraa akkan dhaga'etti
Gonkumaa hin qabdu muudaa xuraa'inaa
Akka Abbaa kee Daawwit nullee si faarsina

Kennaa kennaa olii kan guyyaa jimaataa
Qooqni koo harmee koo waa'ee kee faarfata
Faaraan kan jedhamtuu gaara Inbaaqomii
Wayniin kan koo dhumee ilma keetti himi

Akka Abbaa Giyoorgis anis kottuun jedha
Maariyaam/2/ jedheen maqaa kee faarfadha
Akka Abbaa Hiriyaaqos Dhaloonni si faarsa
Jaalala siif qabu galataan siif ibsa