Isheedha haati Waaqayyoo isheedha nuuf araarsituun
Waaqni dhiifamaa isaaf karaa ishee nuuf dhufee
Maariyaam Maariyaam jenne beela’uun keenya hafee

Abbaan samiirrati ishee filaateeraa
Ilmis ayyaanani isheerraa buleerraa
Afuurii Qulqulluun ishee golbobeerraa
Waaqan waan filaamteef addaa isheen hundaarraa

Maqaa kee yoon waamu dammaan guuta afaan koo
Kannaaf daddabalee si waame giiftii koo
Si waame haadha koo

Misiraachoo guddaa Gaabri’ellin ergamee
Hawwii bara dheeraa dhufee sitti himee
Adaamiin fayyisuuf guyyaansaa ga’eerraa
Waaqayyoon ni deessa fedhaa isaa ta’eerraa

Maqaa ishee yoon kaassu dammaan guuta afaan koo
Kannaaf daddabalee si faarsaa haadha koo
Si faarsaa giiftii koo

Qulqulluun Daawit ishee arguuf hawweerraa
Maqaa ishee ol kaasse baganaan faarseerraa
Abbaa Hiriyaaqoosis baay’ee si jaallattee
Waa’ee ishee lapheensaa gammachuun dubbaatte

Maqaa ishee yoon kaassu dammaan guuta afaan koo
Kannaaf daddabalee si waame giiftii koo
Si faarfaadhe haadha koo

Dhiigaasaa lolaasa dhiphuu keenyaa baatte
Gaaffa faannoo sanii waan Gooftaan dubbatte
Harmee koodha isheen kunno sif ladheerraa
Waadaan guyyaa sana laphee koorraa jira

Maqaa ishee yoon kaassu dammaan guuta afaan koo
Kannaaf daddabalee si faarfadhe haadha koo
Si faarfaadhe haadha koo