Hidda wayinii×4
Solomoon weedduusaan…HiddaWayinii
Ogummaasaatiinii……….
Gugee garraamii koo…….
Bareedduu koo jedhee......
Abjuudhaan kan argee…..
Yaa'iqoob Loozaatti…….
Koottu koottu dubroo…...
Yaa ishee foolii gaarii…...
Abbaan kee durseetoo…..Hidda Wayinii
Cigoodhaan si faarsee…..
Begenaa tarreessuun ……
Yaa Tsiyoon jedheetoo…..
Jireenyi dubbifamee……
Barruu kee irraatii……….
Kan si gitu hin jiruu……..
Lafaaf samiirrattii……….
Walalaa dammaatii……..
Yaa hidda wayinii………
Sababa fayyinaa………..
Abdii fayyuu keenyaa…
Lalistuu siinaatii……..
Urgooftuu Qenaanimoos…
Waaqni si filatee………….
Dubartoota keessaa……….
Haallee*3 Luyaa[4]
Galanni gooftaadhaaf …...Haalle luyaa
Galanni Maqaasaaf………
Garbummaa cubbuu irraa...
Dhiigasaan nu baasee…….
Galanni waaqummaa…….
Siif qofaa haa ta'uu………
Anoo kan si fakkaatu…….
Gita kee hin argannee…….
Masinqoon haa bu'uu……...
Iddoo fannifamee…………..
Waaqayyoof faarfadhaa……
Samiirra kan jiruu………….
Qulqulloonni ergamoonni….
Siitiin si marsanii…………
Kabaja kee faarsuuf……..
Cigoo haaraadhaanii……..