Caamsaa gaafa tokkoo
Web Master
May 4, 2026
F/taa D/n Firaa'ol Moosisaa
666 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Ni dhalattee haati Waaqayyoo(×2)
Iyyaaqeemiif Haannaa Abbaaf Haadha isheerra(×2) Eeyyee
@Ceesisa
Mikaa'eel ergamaan hoomaa isaatiin duulee
Dinnisaa kan kufee koochoosaarra ilaale
Yaa maqaa miidhagduu uumaan si jaallate
Fayyina namootaaf sababa kan taatee
@Ceesisa
Abjuun akaakilee kan Teettaaf Phixriiqaa
Dhaloota jahaffaan kan mul'atee maqaa
Raadii eebbifamtuun Addeessa kan deesse
Addeessicha keessaa Aduun calaqqise
@Ceesisa
Ati balbala bahaa Aduuchis Ilma kee
Balbala cufamtuu kan Hisqi'eel Arge
Gaa'ela Eebbifamaan Kaayyootiif dhalatte
Addunyaa hundumaaf Badhaasa kennamte
@Ceesisa
Ifaan Guutameera gaarri Libaanosi
Giiftiitu dhalatee Haadha IYYESUUSI
Sirraa baranneerra galata isaaf laanna
Waaqa si nuu kenneef ilillee galchina
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu