Ulfina toloota yaa Giiftii(2)ulfina tolootaa
Leemmaatii nyaataa raajii dha leemmaatii
nyaataa (2)
Kabaja isaanii kan Qulquullootaa
Sin faarsa anii faarsaa galataa
Kan ati nuuf deessee buddeena jireenyaa
Ilmii kee jiraa ifichi keenyaa
Huccuu Gaarummaa miidhaginni ishee
Ulfa sochoosaa qooqni afaan ishee
Abidda deessee abidda haammattee
Osoo si hin faarsiin aduun yoom dhiitee
Yaa bahaa biiftuu baha nuuf taatee
Ificha guddaa kan nuu mul’istee
Hin dukkanooftuu jireenyi keenyaa
Ilmi kee jiraa ifichi keenyaa
Nagaan siif haa ta’u nuti si kadhannaa
Ati nuuf kadhadhuu nuti sitti boonyaa
Koottuu gugee koo fakkaattuu ilma kee
Samiif lafatu himaa waa’ee kee