Galata maariyaam Nan dubbadha
Durbee haadha koo Nan waammadha
Akka Abbaa Efreem na eebbisi
Mucaa Kee galataaf na kakaasi
@Ceesisa
Galata Maariyaam...
Yommuushee waammannu
Kadhaa keenyarratti
Dubaroon ni dhufti
Mana qulqullummaatti
Afatni ifaadha
Fuulduratti afamee
Qulqullichi Efreem
Galataan si waame

Galata Maariyaam...
Abbaan Hiriyaaqoos
Galata dhiyeessan
Laphee gammachiisa
Sirna Qulqulleessaan
Lapheen koo waan gaarii
Siif baasera jedhee
Daawit baganaadhan
Si faarfachu fedhe

Galata Maariyaam...
Qulqullummaa keenyaf
Ati hundeedhasi
Si Galateeffachuuf
Laphee koo naaf ibsi
Gammadi yaa Dubroo
Yaa Beeteliheemi
Sirraatii dhalate
Fayyisaan Addaami

Galata Maariyaam....
Qulqulloonni hunduu
Naannoo Kee marsanii
Abbaan Giyoorgisiis
Kottu siin jedhani
Teessoo warqeerratti
Yoon si argu teessee
Lapheen ko gammade
Simboon kee machesse