Koottu haadha koo maariyaamii
Maaloo nu gidduutti argamii
Haadha gooftaa iyyesuus kan amaanu'eelii Koottuu haadha koo
Badiidhaaf bobbaanee yommuu isa yakkinee(2)
Gatii badii keenyaa isheen baraaramnee
Hir'inaaf dhiphinaa dookimaas hubattee(2)
Leeyya'uu jalatii kunoo isa oolchattee
Kotta amanadhaa laphee dhaa cabaatii(2)
Haadha dhugaa kanaaf kennaa qabadhatii
Yakkii koo baay'atee yommuun dhiphadheettii(2)
Harki maariyaami ol na qabatteettii
Gonfoo qulqullootaa haadha cubbamootaa(2)
Nutoo si wammannaa maaloo akkam nu gootaa
Egaa maariyaamii nuu yaadadhuu dhiifama ilma kee uuf kadhadhuu
Kennaa kee kan taatee itoophiyaa yaadadhuu
Tewaahidoon cimnee akka itti dhabbanuu
Qulqullummaan tanee akka si kadhannuu